<
top of page

Ameerikaan Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Kaastee



Ergamaan addaa gaanfa Afrikaa Jefrii Feltimaan bakkaa kaafaamuun qondaala Ameerikaa Deevid Saatarfiildiin bakka buufamuuf akka jiramu Rooyitersi gabaase. Hariiroo Itoophiyaa waliin waggoota hedduu qabaachuun kan himamu Jeefrii Feltimaan bara dirqama isaa xumuraa waan jiruuf akka bakkaa kaafamuuf jirudha gabaasni kun kan akeeku. Jeefrii Feltimaan Kamisa har'aa dhimma Itoophiyaa furmaata waaraa irraan gahuuf akka Itoophiyaa seenu himamaa jira. Gabaasni Jeefrii Feltimaan bakkaa kaafamuuf jedhu erga waa'een imala Feltimaan kan Itoophiyaa himameen boodadha. Jeefrii Feltimaan gaanfa Afrikaatti nagaa buusuuf erga addaa Ameerikaa ta'uun filatame. Keessattuu dhimma Itoophiyaa fi Sudaan nama goolaba itti gochuu danda'udha jedhamee abdatamee ergamaa addaa ta'uun kaahamee ture. Haa ta'u malee Jefrii Feltimaan akka abdatametti ergama isaa hin baahanne guungummiin jedhu jira. Kunis rakkoo Sudaan keessaa hiika dhabee jiru, dhimma dhibdee caasaa waraanaa sudaaniif Caasaa bulchiinsa Sivilii, akkasuma dhimma lola Itoophiyaa keessaa akka dhaabbatuuf gahee nii bahata jedhame abjootamuun ala furmaata waaraa dhabuun isaa Feltimaaniif akka dadhabinaatti kahamuu hin oolle yaadni jedhu ka'aati jira. Ameerikaan lola Itoophiyaa keessaa nagaan furuuf, lolli dhaabbatee qaamoleen martuu akka mariitti seenan fedha guutuu qabaachuu himti. Haalli lola Itoophiyaa keessaa hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaa hubee jira. Kana irraa ka'uun Ameerikaan hariiroon isheen Itoophiyaa waliin qabdu laaffachuutti gadda qabaachuun ishee akka hin oolle eerama. Haalli lola Itoophiyaa keessaas daranuu kan qabbanaa'u osoo hin taane itti fufee daran babal'ataa adeemuun, lolli biyyattii keessaa hiika dhabee lafa irra harkifachuun Ameerikaa kan hin gammachiifne ture. Jeefrii Feltimaan filtee gara Gaanfa Afrikaatti erguun hariiroo Itoophiyaa fi Ameerikaas deebisee akka jabeessu abdataa kan turte Ameerikaan, sun dhugoomuu hin dandeenye.


Jeefrii Feltimaan humnoota TPLF'f looga qeeqi jedhu nii ka'a. Isa kana qondaalli Ameerikaa Jeefrii Feltimaan hin fudhatu. Wal qixxummaan rakkoo jiru furuuf ifaajaa akka jirutti hima. Ammas imala isaa har'a gara Itoophiyaatti taasiseen carraa ergamaan addaa Ameerikaa lola Itoophiyaa keessaa dhaabsisuuf qabu dhiphaa ta'uutu himama. Lolli Itoophiyaa keessaa sadarkaa qabbanaa'uuf dhaabbachuu hin dandeenye irra gahuu isaa hubachuu dhabuu addunyaa irraa kan ka'e, kana malees rakkoon Itoophiyaa keessaa waan akka dhibdee TPLF fi Abiyyi Ahemda qofa ta'etti amananii fudhachuun waa'ee Itoophiyaa keessaa hangam akka itti hin dammaqin hubachiisa. Haala kanatti xumura kan godhu jettee kan amantu Ameerikaan Jefrii Feltimaan bakkaa kaasuun, qondaala Ameerikaa Tarkiitti Ambaasaddara ture Deevid Saatarfiildi ergamaa addaa ganfaa Afrikaa taasisuun muuduuf akka jirtu Rooyitersi gabaaseera.

Comments


bottom of page