<
top of page

Hoggantuu Maaynamar Duraaniitti Manni Murtii Waggaa 4 Mure


Yeroo dheeraaf himatamaa kan turte hogganyuun Maaynaama duraanuu Aung Saan Suu tti manni murtii waggaa afur itti murteessuun isaa har'a dhagaa'ame.


Hoggantuu kan turte kana irratti himannaawwan 11 kan irratti dhiyaate hoggantuun duraanii Mayaanmaar, himannaa jalqabaatiin ture hidhaa waggaa afuriin akka adabamtu kan itti murtaa'e. Murtichis himannaa seera balaa uumamaa cabsuu jedhuun kan murtii kana argattedha.Himannaa hafaniin murtiin umurii guutuu akka itti kennamuu danda'us nii himama.


Hanga baatii guraandhala darbeetti biyyattii gaggeessaa kan turte Saan Suu Kii'n waraanaan akka aangoo irraa kaatu taasifamuun hidhamte.


Qondaalonni paartii ishee biroon illee wayiituma san hidhamuun isaanii gabaafamaa ture. Biyyattiitti mootummaa uummati filate akka gaggeessaa turte kan himamu, uummatis hidhamuu isheen hiriira gaggeessaa tureera. Hiriira sana irrattis lubbuun namoota hedduu darbuu akka danda'e miidiyaaleen gabaasu.

 
 
 

Comments


bottom of page