<
top of page

Wellisaan Oromoo Taaddalaa Gammachuu "Waa'ee Oromiyaa Callisuun Gumaa Goototaa Gatuudha" Jedhe.


Seensa bara haaraa Amajji 1,2022 irratti wallee qeenxee Bara Baraan jedhu kan uummata Oromoo biraan gahe Taaddalaa Gammachuu, waa'ee Oromiyaa callisuun akka hin feesifne dubbate.



Taaddalaa Gammachuu walleewwan mi'aa addaa qaban wellisuun Oromoo biraa jaalala guddaa kan qabu yoo ta'u, turtii waggaa 10'f wallee haaraa uummata biraan gahee hin beeku. Walleewwan kanaan dura hawwaasa biraan gaheen cinatti wallee qeenxee torban kana keessa baasee kanaan uummata Oromoo hedduu biratti marattee addaa horateera.


Walleen Taaddalaa Gammachuu dhiyeenyaa kun Oromiyaan bara baraan akka jiraattu kan dhaamu, akkasuma ilmaan Oromiyaa akka biyyi isaanii hin qaanofne yookan hin sheenofne kan ergaa dabarsudha.


Oromiyaa bara baraan jiraadhu ergaa jedhu kan of keessaa qabu, wallee kanaan gootota Oromoo hedduu maqaa caqasuun wellisa. Dhimma Oromiyaa ilaalchisee miidiyaa BBC'f yaada kenneen "anaaf Oromiyaan naannoo osoo hin taane biyya" jechuun dubbate.



Dhaamsi wellisaa kana uummata Oromoo roga maraan jiru biratti jaalala horateera. Miidiyaa hawaasaa irraanis dhimma kana danoomaan waliif osoo qoodamuu argama. Wallee Bara Baraan jedhu keessatti torban kana komiin gootota Oromoo mara maqaa hin dhoofne jedhu nama muraasaan ka'ee ture. Akkuma qeeqi kun wellisaa kanaaf gadi dhiifameen deggartoonni Taaddalaa danuun ammoo wallee Taaddalaa kanatti jaalala addaa qabaachuu ibsuudhaan, Gooti Oromoo kamuu kan Oromiyaati, kan inni faarsus Oromiyaadha jechuun yaada sana rukutaniiru.


Walleen Bara Baraan jedhu turtii guyyoota muraasaa gidduutti dhaggeeffattoota kuma dhibbootaan lakkaa'aman horateera. Ergaan wallee sanaaf qabsoon Bilisummaa Oromoo ammaa wal kiphuun ammoo daranuu walleen sun akka jaallatama argatu ta'ee jira. Walaloo wallee kana Yoosan Geetahuunin kan barreeffame yoo ta'u, Geetish Maammoo ammoo wallee kanatti yeedaloo uumuun Taaddalaa akka tumsan himama. Taaddalaa Gammachuu jaalala uummati wallee isaa qeenxee kanaaf qabaate irraa ka'uun albaama guutuun akka dhufuuf jirus dubbatee jira.




 
 
 

Comments


bottom of page