Mootummaan Itoophiyaa Qellem Wallaggaa Gidaamii Dirooniin Rukute
- Lataa Damee
- Jan 25, 2023
- 1 min read

Mootummaan Itoophiyaa guyyaa har'aa Qellem Wallaggaa Gidaamii Diroonii rukutuun isaa himame. Haleellaa Diroonii kanaan uummati Oromoo naannichaa fi manneen hedduun barbadaa'aniiru jedhame.
Haleellaa har'aa kanaan Baabura Bunaa abbaa qabeenyaa obbo Darajjee rukutuu isaafii namoota mana Baabura Bunaa keessaa hojjetan illee akka rukute himame.
Kana malees haleellaa Diroonii kanaan Gidaamii ganda Burii keessatti kan argamu mana barumsaa 1-8 Dirooniin daareffamuun isaa gabaafamee jira.
Manneen barnootaa barbadeessuun cinatti tajaajila hawwaasaa kanneen kennan hedduu miidhuu akka hin oolles himamaa jira. Garajabummaa mootummaa Itoophiyaa kan agarsiisu haleellaan Diroonii kun, hawwaasa nagaa hedduu akka gaaga'e odeessi arganne ifa taasisa. Mootummaan Itoophiyaa gama tokkoon marii biyyooleessaan taasisa, nagaan buusa jechaa harka lafa jalaan uummata Oromoo irratti daguuggaa sanyii labsee jiru itti fufsiisee akka jiru agarsiisa.
Wayiita lolli akka dhaabbatu qaamoleen idil addunyaa gaafataa jiranitti, mootummaan Itoophiyaa uummata meesha maleeyyii, haawaasa nagaa fi qabeenyaa uummata nagaa kanneen tanaajila hawaasaa kennan barbadeessuu itti fufuu isaa gabaasni bahe kun ragaadha. Kanaan duras uummata nagaa Oromoo Haleellaa Xiyyaaraan irra deddeebiin kan rukutaa tureef jiru mootummaan Itoophiyaa paartiin Bilxiginnaa gocha isaa ammas irra deebiin itti fufee jiraachuu gabaasni arganne kun ifa taasisa. Uummati Oromoo Oromiyaa kutaalee biroo keessa jiraatus hawwaasa Oromoo Gidaamiif akka dirmachuu qabus dhaamame.



Comments