Karrayyuutti Ajjeefamuu Abbootii Gadaan Booda Namni 20 Ta'an Eessa Akka Bu'an Dhabaman
- Lataa Damee
- Jan 25, 2023
- 1 min read

Torban darbe guyyaa Roobii Mudde 1,2021 abbaa gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas Boruu waliin namoota 14 ta'an qaamoleen mootumaa bakka jilaatii qabee ajjeese.
Isaan jila sana keessa turan namooti 20 ta'an ammoo du'uuf jiraachuu isaanii uummati beekuu dhabee jiraachuu gabaasa arganneen mirkaneeffanne.
Maatiin namoota bakka jila gadaa irraa qamoolee mootummaan qabamanii as buuteen dhabameef dhiphina guddaa keessa akka jiran himame jira. Qaamoleen mootummaa ofii ajjeesanii ajjeechaa abbootii gadaa sana waakkachaa turan.
Namoota amma as buutee dhabamsiisan kanneen lakkoofsaan 20 ta'anis eessa akka jiran hanga ammaa waan beekame hin jiru. Haalli kun ammoo hawwaasa Oromoo fi uummata Karrayyuu daran mufachiisee jira.
Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti ajjeechaan uummata nagaa gaggeessitoota uummata Oromoo irratti qiyyaafatee qaamolee mootummaan raawwataa akka jiru gabaasni nu gahu ifa taasisa.
Mootummaan ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti ajjeesuu, kaan hidhuu irratti fuulleffannoon hojjetaa jira. Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti tajaajilli Internet fi tajaajilli Neetwork addaan cituun bubbuleera.



Comments