TPLF: Rakkoon Siyaasaa Gama Mariin Furamuu Yoo Baate Lola Dhaabee Ture Itti Fufuuf Qophiidha
- Shibire Bula
- Jan 6, 2022
- 1 min read

Qondaalli TPLF Latenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee rakkoo siyaasaa mootummaa Federaalaa waliin qaban gara mariin akka furamu yoo mootummaan gochuu baate waraanni akka itti fufuuf jiru ibse.
Dhibdee siyaasaa gara waraanaatti biyyattii galchee jiru gara mariitiin furmaata kan hin arganne yoo ta'e, waraana qabbaaneessanii turan jabeessanii itti fuufuuf akka jiran ibsan.
Marii siyaasaaf lola dhaabuun naannoo Amaaraa fi naannoo Affaar gadhiisee bahuu kan himu TPLF, hal duree marii siyaasaaf feesisu fudhachuu isaa hima. Kanaafis akka naannolee ollaa gadhiisee bahe yoo ibsu, mootummaan ammoo loleen injifadhe jedha.
Akka Latenal Jeneraal Taaddasaa Warradee jedhanitti mootummaan Itoophiyaa rakkoo waraanatti isa galche, kan dhibdee TPLF waliinii karaa nagaa kan hin furre yoo ta'e halellaa ciccimaa deebi'anii raawwachuuf qophii akka ta'an miidiyaalee Tigiraayf ibsa kenne.



Comments