Ajajaa Olaanaan Abo-wbo Jaal Marroo Dirribaa Hawwaasni Oromoo Aadaaf Duudhaa, Naamusa Isaa Tikfachuu
- Shibire Bula
- Dec 8, 2021
- 3 min read

Ajajaan Olaanaa ABO-WBO godina Qellem Wallaggaa fi Wallagga Bahaaf bulchiinsa erga raggaasisaniin booda hawwaasa Oromoof dhaamsa gurguddaa dhaaman.
Haasaan Sadaasa 29,2021 taasisan kanaan ilmaan Oromoo naamusaaf safuu abbootiin keenya qabaataa turan akka qabachuu qaban kan dhaamaniin waan gaarii ta'eef beekumsa addunyaa irraa dhaaluu akka qabu Oromoof dhaaman.
Nageenyi uummataa amansiisaa ta'uu akka qabu kan dhaaman jaal Marroon "hawwaasni Oromoo ba'uuf galuu har'as nii yaadda'a taanan bu'aa hin qabu" kan jedhan Martoon, yaaddoo tokko malee Oromoon jiraachuu akka qabuus dhaamsa dabarsaniiru.
Bakki itti hogganni WBO haasaa taasise kun kan waggaa sadii dura Qawwee akka hiniikkanneef uummataaf labsiin itti darbe ta'uu haasaa taasisan irraa hubachuun nii danda'ama.
Haasaa waggaa sadii duraa sanaan waadaa gurguddaan kan galame ta'uu kan himan Jaal Marroon "warri yeroo sana waadaa gale gariin akkuma waadaa galeti wareegamee nu agarsiise. Gariin ammoo diinomee baaburichaa bu'ee nurratti hojjete" jedhaniiru.
"Bitaanis kori mirgaanis kori walgeenyi kooruma" kan jedhan jaal Marroon kan diinomee nurratti hojjete taajjabii dabalate, hanga Oromoon jirutti lafa kana eenyuyyuu hin dhaalu jedhan.
"Mootummaan abbaa irree gaafa ajjeesee reeffa awwaala dhorkate injifatame. Addunyaa kanarraa mootummaan uummata lolee injifate hin jiru" jedhan Jaal Marroon.
"Injifannoon keenya yeroo hundumaa hin amansiisu" kan jedhan jaal Marroon "Oromoon Qawwee hin qabu." Jechuun sababaa kanaaf injifannoo tikfachuun akka ulfaate dubbatan. Hedduun Qawwee gurguree Araqee dhugaa ture kan jedhan hogganaan kun Oromoon Qawwee dhokfachuu akka qabuuf hidhachuu akka qabu dhaaman.
Wal saamuuf wal dararuu akka Oromoon dhiisuu qabu kan himan jaal Marroon, sirna dhablummaa balleessuuf malee sirna dhablummaa babal'isuuf qabsoo irra akka hin jirre himan.
"Dhiiga irra tarkaanfatee saamichaaf uummata deemudha" jechuun saamicha baba'achuuf deemutti gudunfaa furuuf akka qabsoo irra jiru himan. Oromoon saamicha irraa walaba ta'uu akka qabus eeran.
Waraanni Bilisummaa Oromoo naamusa qabaachuu isaa kan himan, jaal Marroon "Waajjira foolisii saamuun, waajjira foolisii gubuun garbummaa jalaa si hin baasu. Kan si garboomse meeshaa waajjiricha keessa jiru osoo hin taane nama achi keessa turedha. Yeroo nama sana dhabamsiiftee deebitee ofiis kan saamtu ta'e rakkoonkee rakkoo dhumaa jechuudha. Anis akkuma jaraa waajjira sana qabadheen haadha iyyeessa boosisa taanaan rakkoon kee achuma jira jechuudha" kan jedhan jaal Marroon namoota waajjira Foolisii keessaa meeshaa saamaniif hospitaala keessaa qoricha saaman akka malee dheekkamuun gorsa kennaniiruuf.
"Sirna dhablummaa dagaage kanaan akkasiin itti fufuu hin dandeenyu" kan jedhan jaal Marroon, "siif qawwee kaafne sitti dhukaasuun nu mararta, yoo naamusa hin godhattu taate sitti dhukaasuu irra qabsicha dhiisuu salphata. Garbicha halagaa taatee jiraattaa." Kan jedhan hogganni kun Oromoon naamusa akka qabaachuu qabu dhaaman.
"Sabaaf sablammiin kamuu Oromiyaa keessa jiraachuuf mirga qaba" kan jedhan jaal Marroon mana uummata nagaa gubuu akka hin qabnellee dhaaman.
Haala yeroo ilaallatee kanneen uummata saaman, kan geejiba uummataan wal qabatu akka fakkeenyaatti konkolaachiftoota gatii dabalanii hawwaasa irraa, haadha iyyeessaarraa sabata hiikan illee akka of adabuu qabu dhaaman.
"Egereen keenya nama yaaddeessa" kan jedhan jaal Marroon dargaggoota araadaan of mancaasuu irratti argaman sana irraallee akka of qusatuu qaban dhaaman.
Shamarran Oromoos safuu gatuu hin qaban kan jedhan jaal Marroon aadaaf duudhaa ofii akka hordofatuu qabu dhaaman.
Abbaa amantaa kamiiyyuu ta'i, dhaloota kana akka qabamuu qabutti qabi kan jedhan jaal Marroon abbootii amantaa siyaasa baratanii Oromoo irratti hojjetan akka of qusatan gaafatan.
Itoophiyaa keessatti sabsaf sablammiin kamuu Qawwee hidhatee jiraachuu kan himan jaal Marroon, sabaaf sablammii jiran keessaa Oromoo qofti akka Qawwee hin qabne himuudhaan, haala ammaa kanaan Oromoon akka sabaatti jiraatee itti fufaan nama yaaddessa jedhan.
Shamarran Oromoo Handhuuraa fi Harma agarsiisanii adeemuu cimsanii kan balaaleffatan jaal Marroon "mirgi dirqama qaba" jechuun "faranjii irraa beekumsa hin dhaalle, safuu cabsuu ammoo irraa dhaale" jedhan.
Addunyaan teknoloojiin fagaattee adeemaa jiraachuu kan himan jaal Marroon "tohannaa hin qabu yoo ta'e Oromoon Waggaa digdama booda aadaa isaa har'aatti jiraachuu hin danda'u" jedhan.
"Wal tiksaa! Yoo wal tiksuu dadhabdan ammoo labsiitiin buluu bartani, dhiitamtanii buluu bartanii gochuu nii dandeenya nutis" kan jedhan jaal Marroon kun osoo hin dhufin Oromoon wal dhaga'ee waliin bahee galuu akka qabu dhaamaniiru.



Comments