Magaalaa Naqamtee Keessatti Waraanni Mootummaa Uummata Nagaa Goolee Namas Ajjeesuun Gabaafame
- Shibire Bula
- Dec 13, 2021
- 1 min read

Jimaata darbe waraanni mootummaa Itoophiyaa magaalaa Naqamtee keessatti jeequmsa kaasuudhaan uummata nagaa irraa dargaggeessa tokko hawwaasa bal'aa fuulduratti rasaasaan dhahee ajjeesuu isaa gabaafame.
Ajjeechaan kun Mudde 10,2021 guyyaa jimaataa irra kan raawwate yoo ta'u, Dargaggeessa waraanni mootummaa ajjeese kun guyyaa guutuuf Boordii reeffi isaa akka hin kaane dhorkamee ciisaa oole jechuun gabaasa nun gahan.
Maqaan dargaggoo kana ifatti kan adda hin baane yoo ta'u, guyyaa sana guutuu uummata Naqamtee waraanni mootummaa reebuuf dararuun dabarsuu isaa odeeffanne.
Dunkaana uummatni magaalichaa Bunaaf Ciree keessatti daldalatee bulu illee waraanni mootummaa kun diiguun akka mancaase mirkaneeffannee jirra.
Lola naannoo Naqamteetti WBO irratti gaggeessaa jiruun baragee humni waraanaa mootummaa kun uummata dararaa akka jiru gabaasaan nu gahe ifoomseera.



Comments